Iyyannoo Dhaddacha Jaalalaa
Qophiin Dhaddacha jaalalaa namoota bultii ijaaraniif qophaahe. namoonni bultii keessa jiran, kan jiruu keessatti rakkinni addaa isaan mudate iyyannoo gama keenya yoo ergan. nutiis iyyannoo isaanii haala miidiyaaf tolutti qindeessinee ummataaf dhiheessina. qophii kanarratti iyyannoo ergachuuf eenyummaa ofii ibsuun barbaachisaa miti. maqaa ofii gabaabsanii bifa gabaajeetiin ibsuun ni dandahama.
Dabalataan biyya iyyannoo irraa ergatan himuunis filatamaadha. ulaagaan iyyannoo kanaaf barbaachisu inni guddaan dhugaa dubbachuudha. namni iyyannoo ergatu hundi dhugaa qofa nuuf himuu qaba. yoo kijiba nutti erge/ergite namuma iyyannoo erge santu itti gaafatama. nuti waan nutti ergame akka dhugaatti amannee ummataaf dhiheeysina.
Iyyannoo haaraya ergachuuf galmaayuu qabda. yoo amma dura galmooytee jiraatte email fi password keetiin log in godhi. yoo haaraya taate as tuqii galmaayi.