Tikeeta Nuuralhudaa irratti akkamitti galmaawan?
Iyyannoo dhaddacha Jaalalaa fi Riqicha Sunnaah Nuuralhudaa irratti ergachuuf,
akkasuma gaafii fatwaa gaafachuuf ask.nuuralhudaa.com irratti galmaawuun
dirqama. tooftaan ittiiin galmaawan akka asii gadiiti.
1. Jalqaba website ask Nuuralhudaa bani https://ask.nuuralhudaa.com/
2. Bakka "Register" jedhu tuqi
3. Bakka Name jedhutti maqaa kee katabi. Bakka email address jedhutti email kee katabi, bakka password jedhutti passwordii barbaadde katabi. bakka confirm password jedhuttis passwordima duraan katabde irra deebi'ii katabi. Dhumarratti Register jedhiin.
4. Itti aansuun kana akkasumatti dhiisii email kee bani. liinkii dheeraa achi keessatti siif ergamu yeroo tokko qofa tuqi.
5. Dhumarratti gama Ask Nuuralhudaa deebi'ii email fi password kee itti katabii login jedhiin.
Amma website ask Nuuralhudaa irratti galmooytee jirta. bakka tikeeta haaraya jedhu tuyxee iyyannoo ykn gaafii kee ergachuu mirga qabda.